Wallaga University FOCUS Shambu Campus ministry

Wallaga University FOCUS Shambu Campus ministry Sami

08/01/2023

Rakkinni salphaan inni nuyi yeroodhaaf baannu kun, ulfina bara baraa isa safara malee guddatu sana baachuudhaaf nu qopheessa. [2Qor 4:17 ]

Kanaaf, rakkina keessattillee abdii qabna!

,,πŸ’•πŸ’•πŸ’•πŸ’•βœοΈβœοΈβœοΈβœοΈ
08/01/2023

,,πŸ’•πŸ’•πŸ’•πŸ’•βœοΈβœοΈβœοΈβœοΈ

Day_2       8/1/2015Furamuuniif dhiifamuun cubbuu yesuus kiristoositti amanuudhaani.β€œIlma isaa kanaan furamuu dhiifamuu ...
18/09/2022

Day_2 8/1/2015
Furamuuniif dhiifamuun cubbuu yesuus kiristoositti amanuudhaani.
β€œIlma isaa kanaan furamuu dhiifamuu cubbuus arganneerra.”
β€” Qol. 1:14

D1./07-01-2015Waaqayyo Si Jaallata.πŸ“–Waaqayyo Tokkicha Ilma Isaa Hamma Kennuufitti Biyya Lafaa Jaallate. Yoh 3:16πŸ‘ŒWaaqayy...
17/09/2022

D1./07-01-2015

Waaqayyo Si Jaallata.
πŸ“–Waaqayyo Tokkicha Ilma Isaa Hamma Kennuufitti Biyya Lafaa Jaallate. Yoh 3:16

πŸ‘ŒWaaqayyo tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate kunis kan isatti amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatufi. Yoh 3:16
πŸ‘‰Namni kam iyyuu akka badu fedha waaqayyoo miti. Waaqayyoo jaalala bara baraan si jaallate. Jireenya bara baraas siif laate.
πŸ‘ŒWaaqayyoo yaadaa fi karoora dinqisiisaa, jireenya irraa hafaas siif qaba ati kana itti yaaddee beektaa? Yaada bara baraa fi Karooraa dinqisiisaa waaqayyo siif qabu, akkasumas jireenya isa caaluu hubattee jiraachuuf immoo kan dandeessu gooftaa Yesuus Kiristoositti yoo amante qofaadha.
πŸ“–β€œWaaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mul'ate.”
1Yoh. 4:9

CongratulationsBarattoonni eebifamtoonni 2022 feeloo shiippii keenyaa hundumti keessan baga yesuus gargaareen guyyaa kan...
15/07/2022

Congratulations

Barattoonni eebifamtoonni 2022 feeloo shiippii keenyaa hundumti keessan baga yesuus gargaareen guyyaa kanaan isin ga'e.
Eebba Gaarii!!

#2022 FOCUS graduation

Akka Risaa Balali'uu Yoo Feete Rachaa Wajjin Bishaan Hin Borcin!!
11/07/2022

Akka Risaa Balali'uu Yoo Feete Rachaa Wajjin Bishaan Hin Borcin!!

Biya lafaa irratti orma fi kara adeemtuudha.Ibr 11:13... Jarreen kun isa abdachiifaman yoo hin fudhanne ta'an iyyuu, ama...
06/07/2022

Biya lafaa irratti orma fi kara adeemtuudha.

Ibr 11:13...
Jarreen kun isa abdachiifaman yoo hin fudhanne ta'an iyyuu, amantii isaanii utuu hin dhiisin du'an; garuu isa abdachiifaman fagootti ilaalanii simachuudhaaf itti gammadaniiru, biyya lafaa irrattis ormaa fi kara-adeemtuu akka turan beekaniiru."

(HoE 4 )
------------
11 Inni kun dhagicha, isa isin warri ijaartuun tuffattan, inni garuu dhagaa mataa golee qajeelchu ta'e.

12 Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne" jedhe.

" Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana hundumaa isinitti hime; biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo'eera" jedhe."
(Yoh 16: 33)

(Yoh 14 )
------------
1 Yesus itti fufee bartoota isaatiin, "Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa!

2 Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay'eetu jira; utuu inni hin jiru ta'ee, isinitti nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan adeema.

3 Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha.

…
6 Yesus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.

30/06/2022

" Waaqayyo, mana itti uffee jettan akka argattaniif bultii isiniif haa kennu!" jette; yeroo isheen dhudhungattee nagaa itti dhaamtetti immoo, isaan sagalee isaanii guddisanii in boo'an. "
(Rut 1: 9)

Nagaan waaqayyoo isiniif haa ta'u jaallatamoo ijoolle waaqayyo.β€οΈπŸ•ŽπŸ™ guyyaan borii guyyaa addaati saganttaan keenya dhaab...
24/06/2022

Nagaan waaqayyoo isiniif haa ta'u jaallatamoo ijoolle waaqayyo.
β€οΈπŸ•ŽπŸ™ guyyaan borii guyyaa addaati saganttaan keenya dhaabbatan saa'a 8:00 irraa kaase jira
Bor deebiste argachuuf Akka dandeessuti sanyiike Laga gamati ceesifadhu .jedha saglichi πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

✝️✝️ Kanaafis bu'a dhagna keeti keessaa wanti Akka fo'a meeti irraa hojetamee

✝Waanti Akka Gomboo burqaa bishaani birati utuu hin hur'aain
πŸ•Ž Inni Akka geengoo ittiin bishaan boolla waraabanis utuu hin cabin πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ™

UUMAA KEE YAADADHU πŸ‘‰πŸ‘‰lalb 12:6πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

Suummiin Nyaannee Duunu Utuu Nuuf Malu.....Qoricha Inni Ta'ee Yesus Nuuf Kenname
22/06/2022

Suummiin Nyaannee Duunu Utuu Nuuf Malu.....
Qoricha Inni Ta'ee Yesus Nuuf Kenname

20/06/2022

" kottaa gara iddoo buufata isaa in dhaqnaa, ejjeta miilla isaa jalattis isaaf in sagannaa!"
(Far 132: 7)
Bor waaqeffannaan kenyaa galgaala sa'ati 11:00 eegalee itti fufa.
Warri waaqayyoo fi oobdii manasaa yaaddan kottaa fuula waaqayyoo barbaaddadhaa.

Eebbifamaa.

(Qol 2 )  ------------  13 Isinis irra-daddarbaa keessanii fi dhagna-qabaa dhabuu foon keessaniif hafuuraan du'oo yoo ta...
20/06/2022

(Qol 2 )
------------
13 Isinis irra-daddarbaa keessanii fi dhagna-qabaa dhabuu foon keessaniif hafuuraan du'oo yoo taatan iyyuu, Waaqayyo akka isin Kristosii wajjin jiraatoo taatan godheera; irra-daddarbaa keenya hundumaas nuuf dhiiseera.

14 Wanta nu irratti caafamee ture, isa nutti hin tolin sana, waan inni karaa seeraa nu irraa barbaaduu wajjin duguugee fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseera.

15 Fannoo sana irrattis Kristos warra qilleensa irraa gooftummaa qabanii fi humna qaban harka duwwaa hambisee bakkeetti isaan mul'isuudhaan salphisee isaan argisiise.

Address

Shambu

Telephone

+251920170989

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wallaga University FOCUS Shambu Campus ministry posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Wallaga University FOCUS Shambu Campus ministry:

Share