Jalatema Ahmed

Directions Website

Jalatema Ahmed My page is have education than like and share my page

04/08/2026
30/07/2026
18/04/2024
17/07/2022

''Biqiltuu dhaabuun Ashaaraa keenya dhalootaaf haa keenyu'' -Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa

Waamicha Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Duulaa Ashaaraa Magariisaa ilaalchisee taasisan

Ummanni Oromoo hariiroo jabaa uumaaf uumama waliin qaba. Uumama qabatee uumaaf galata galcha. Kabaja uumaaf qabu uumama kunuunsuun agarsiisa. Oromoon ofittummaa osoo hin taane ilaalama guutuun addunyaa hubata, madaala eegee rakkoo walii galaaf fala dhaha. Akka ilaalcha Oromootti madaalli uumaaf uumaamaa yoo dabe rakkootu dhalata. Rakkoon uumamaafi namtolchee madaalaa eeguu dhabuu irraa maddu. Oromoon barbaachisummaa madaala eeguu waan hubateef mammaksa isaa keessatti “akka raachi hin dune,akka haroon hin guune” jedhee dhaloota barsiisa.

Aadaa Oromoo keessatti bosona kunuunsuun, biqiltuu dhaabuun, daagaa hidhuun dhiqama biyyee ittisa, gabbina biyyee eega. Walumaagalatti sirna- ikkoo eeguun lubbu qabeeyyi lafaafi bishaan keessa jiraatan irraa faayidaa argata.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa imala duudhaa ganamaatti deebi’uu dhugoomsuufi badhaadhina hundagaleessa biyya keenyaa mirkaneessuuf hojiiwwan danuu gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaan hojjechaa jira.

Ummanni Naannoo Oromiyaa Waamicha Duula Ashaaraa Magariisaa Muummeen Ministiraa Dr. Abiyyi Ahmad taasisan adda durummaan fudachuun daangaa hanga daangaatti socho’ee biqiltuu gosa addaa addaa biiliyoona 9 ol dhaabuun seenaa hojjetee jira.

Kana qofa otoo hin taane ummanni naannoo keenyaa hirmaannaa Duula Ashaaraa Magariisaa bara 2013 irratti taasiseen guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 350 dhaabuun riikardii haaraa galmeessee jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaa hirmaannaa ho’aa ummanni keenya taasisaa jiruuf dinqisifannaa guddaa qaba.
Bara kanas akka naannoo keenyaatti Duula Ashaaraa Magarisaa milkeessuuf biqiltuu biliyoona 4.35 ol dhaabuuf qophiin xumuramee jira. Haaluma kanaan ummanni naannoo keenyaa Wiixata, Adoolessa 11/2014 Biqiltuu

Address

Harar
Shashemene

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jalatema Ahmed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share