Qeerroo Shaashee

Qeerroo Shaashee SUNSUMNI JIJJIIRAMUS, IBIDDI UMMATA GUBAA JIRU SANUMA

Dhalli namaa namaa yaaduuf nama ta'uun qofti gahaadha.Garuu biyya kanatti Oromoon akka namatti hin laallamu!Reeffi namaa...
18/04/2025

Dhalli namaa namaa yaaduuf nama ta'uun qofti gahaadha.
Garuu biyya kanatti Oromoon akka namatti hin laallamu!
Reeffi namaa silaa kabajaa qaba ture
Nama namummaa qabu biratti.
Ajjeeftee akka mi'atti Reeffa ilma namaa Harreetti feetee gabaa geessita,
Itti kolfaa suuraa kaafta,
Osoo jiraa ta'ee garuu fuldura dhaabbattee suuraa fudhachuu hin dandeettu gadhee!
Diinummaa daangaa darbe!

Waliin Master Abinet Kebede – Reefu deeggartoota isaanii olaanoo keessaa tokko ta'uun beekamtii argadheera!
18/04/2025

Waliin Master Abinet Kebede – Reefu deeggartoota isaanii olaanoo keessaa tokko ta'uun beekamtii argadheera!

13/04/2025

Akkam jirtan kabajamtootaaf jaalatamtoota keenna
Jirtuu baga jiraattan
Linkii Koo kana share, copy link follow godhaa.
Guyyaa gaarii qabaadhaa🙏
Www.fb.com/imimmaan

Isin Yoomiiyyuu Miiraa  Oromoo guutuu keessaa bahuu hin dandeettan!Isin yaadanna yoomuuBiyyeen isinitti haa salphattu,Wa...
13/04/2025

Isin Yoomiiyyuu Miiraa Oromoo guutuu keessaa bahuu hin dandeettan!
Isin yaadanna yoomuu
Biyyeen isinitti haa salphattu,
Warri isin ajjeeseef Kan isin ajjeesises Haala addaatiin Rabbiin addunyaa kanarraa dhabama isaan haa taasisu!
Aamiin jedhi hin sodaatinii atiin online irra jirtu.

13/04/2025

-Arsii (Kutaa 1ffaa)
Na hoffolchaa!
√Oromoo keessaa kutaan Arsii Seenaa guddaa qaba.
Seenaa Oromoo Arsii durii keessaa tokko
Isa bara Mootii Gonfoo minilik yoo yaadadhu imimmaantu ija na guuta,
Lafatu naan mara,
Guyyaatu natti dukkanaa'ee bakka jiru wallaala.
Gootota akka maleen(Haala Suukaneessaan) kophaadhaaniif miirreen nurraa wareegaman San sammuun Koo na yaadateeti!
Oromoon Arsii bara minilik keessa Seenaa guddaa hojjate qaba.
Innis bara minilik babal'ifannaa lafaa geggeessu Sana yeroo jaha injifatee,
Marsaa torbaffaaf sababa gantuuf gadi galoo Mana keessaatiin injifatame.
Akkuma Akaakoof Abaaboon keenna Seenaa hojjatanii darban nutis Seenaa durii yaadataa Sabaaf Seenaa hojjachuuf yaaduuf yaaluu qabna.
Na hoffolchaa Kan jedheef Oromoo jedhee waan walii malee Arsii, Shawaa , Jimmaa jedhee kutaan maqaa dhahee waamee hin beeku waan ta'eef.
Kanaaf waan Arsitti dhalatteef jettanii narra hin laalinaa.
Seenaa biraatiin walitti deebinaa fayyaaf nagaa ta'aa
Galatoomaa!
Via_ BO

11/04/2025
11/04/2025

Haganuma Jiruun…
RABBIIN isaaf haa araaramu.
Abbaa sagalee “ اشتقناك يا رسول الله "

Guyyaa har’aa sirni Awwaalcha Haafiza Qur’aanaa fi Munshida kan tahe Muhammad Sa’iid Biyya isaa Dasseetti raawwatame.
Ramadaana 17 irraa eegale Hanga shawwaal guyyaa sadiitti makka ture. Akkuma galeen dhibee tasa isa qabeen hospitaala seenuuf ganda aakiraa seenuun takkuma taate.

Osoo rifeensi umratti cirate isaaf hin margin addunyaa irraa gale. Kuni mallattoo Kheyriitj.

Badii isaa hunda RABBIIN irra haa dabruuf. Hojii isaa kheyrii RABBIIN irraa haa qeebalu. Maatii isaa fi jaallattoota isaa hundaaf jajjabina RABBIIN haa laatuuf.

Hubadhaa;
Guyyaan akkanaa turus dafus guyyaa tokko numa nu dhaqqaba. Hanga nuti qophoofnuu eegdee duuti hin dhuftu,nuti qophoofnee eeguu qabdna malee.
Haqa RABBII fi namaa eeggataa haa jiraannuu. Akka feene lafa dhiifaa kokkolfaa gulufuun kuni guyyaa qaamni qabbanaa’ee harki namaa asiif achi nu oofuuf hin taane.

Ofiif jennee guyyaa kanaaf haa qophoofnu!

Yaa RABBI gaafa si bira dhufuuf kaane nu tolfadhu atumti.

Artist  'AD AWWAL Eessa jira?Dafaa nuuf barbaadaa maaloo!
07/10/2023

Artist 'AD AWWAL Eessa jira?
Dafaa nuuf barbaadaa maaloo!

Address

Bulchana(05)
Shashemene

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qeerroo Shaashee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Qeerroo Shaashee:

Share