Gurrachaa Afriikkaa ORO

Gurrachaa Afriikkaa ORO Oromiyaa

02/10/2025
16/08/2025

Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa, Giddugala Giddugaleessaa, Wiirtuu Finfinnee fi Naannawaa Finfinnee, Konyaa Qarsaatti kan argamu Galmi Amantii Waaqeffannaa Leemman ijaarsa xumuruun tajaajila Amantii Waaqeffannaa kennuu jalqabe.

31/07/2025

Gubachuu Galma Amantii Waaqeffannaa Rimeettii Fi Qurquraa Adoolessa 31/2025 ykn 24/2017

24/06/2025

Wiirtuu Kiristaanniifi Islaamni bakka tokkotti itti awwaalamu akka jiru beektuu?
*************
Gaazexaa Bariisaa
Baatuu: Baatuun magaalaa jaalalaati kan jedhamu qabatamaan kan mul'atu jaalallisaaniis guyyaa lubbuun jiranii hanga du'aatti kan walhidhe tokkummaa jabaa qabaachuuni jedhu kantiibaan magaalsttii.

Kantiibaa Magaalaa Baatuu Obbo Ahmaddiin Ismaa'eel turtii addatti Gaazexaa Bariisaa waliin waajirasaaniitti har'a taasisaniin asoosamni 'Fiqir Iskamaqaabir' jedhamu Baatuu keessatti qabatamaan kan mul'atudha jedhu.

Akka ibsasaaniitti magaalattiin sabaaf sablammii hedduu hammattee kan jiraachistu yoo ta'u, jaalalli waloosaanii jiraa hanga du'aatti kan cimedha jechuun ibsu.

Isa kanaafimmoo agarsiistuun guddaa bakki awwaalaa hordoftoota amantii hundaa tokko ta'uudha jedhu kantiibichi.

Kiristaanni, Islaamniifi waaqeffataanis yoo miidhame waluma cinaatti awwaalamu kunimmoo agarsiistuu jaalala, waldandahuufi tokkummaa ummataa cimaa ta'uu agarsiisu ta'uu kaasaniiru.

Giddugala hawwata tuuristii kan taate Baatuun nageenyi, jaalalliifi obbolummaansaanii jiraa hanga du'aatti waliin ta'e kun akka hinboorofneef alseerummaarratti waliin dhaabatanii qabsaa'uun dinagdeesaanii cimsaa imala badhaadhinaa eegalame milkeessuuf kutannaan hojjetaa jiraachuu eeraniiru.

Asoosamni Amaariffaa 'Fiqir Iskamqaabir (jaalala hanga du'aatti) Haddiis Alamaayyoon barreesse qabatamaan nubiratti mul'ata kan jedhan kantiibichi tokkummaafi jaalalli cimaa jiraachuun hawaas dinagdeefi siyaasaan waloomanii jiraachuu keessatti bu'uura waan ta'eef kan irraa baratamu ta'uu ibsaniiru.
Waasihun Takileetiin

Address

Oromoo
Sululta
BURAYUOROMIYAA

Telephone

+251955207953

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gurrachaa Afriikkaa ORO posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Gurrachaa Afriikkaa ORO:

Shortcuts

Share