07/12/2023
Leenjiin Leenjistoota Sirna Odeeffannoo Bulchiinsa Barnootaa/Education Management Information System/ irratti marsaa 2ffaaf kennamaa ture har'a xumurame.
------------
BBO-Sadaasa 26/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa sirna ragaa barnootaa sassaabuu, kuufachuufi bulchuu ilaalchisee dursitoota gareefi ogeeyyota Godinaalee/Bul. Magaalotaa/fi Aanotaa irraa dhufaniif marsaa 2ffaaf Magaalaa Adaamaatti guyyaa sadiif leenjii kennaa ture har'a xumureera.
Leenjiin leenjiftootaa kun kan kenname mata dureewwan lama irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u.
isaanis;
1- Moosaajii Ragaan Barnootaa Irratti Qindeeffamu (StatEdu.2)fi
2- Gucaawwan Ragaan Barnootaa Bara 2016 Ittiin Sassaabamu irratti leenjiin bal'inaan kennameera
Gucaawwan ragaan barnootaa ittiin sassaabamu gosa gosaan leenjiin irratti kennameera.
Gucaawwan kunniinis:-
Barnootaa Sad. 2ffaa
Barnootaa Sad. 1ffaa,
Barnootaa Bu'uura Boruufi
Barnootaa Al-idilee bara 2016 ittiin funaanamu hubannoon kennameefii leenjifamaniiru.
Leenjitootni 206 ta'an Godinaalee, Magaalotaafi Aanota irraa walitti babahan kunniin, bakka irraa dhufanitti deebi'uun, qaamota guca kana guutan Dura Bu'oota Manneen Barnootaatiif leenjii wal fakkaataa akka kennan beekameera.
Leenjii kan kennanis, BBOtti ogeeyyota Garee Sirna Odeeffannoo Bulchiinsa Barnootaa ta'uun beekameera.
Dhumarratti, BBOtti Dursaan Garee Sirna Odeeffannoo Bulchiinsa Barnootaa obbo Amanuu Baqalaa sirna cufiinsa leenjichaa irratti ragaa barnootaa dhugaa ta'e qabaachufi bulchuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf gahee olaanaa waan qabuuf leenjitootni hundi akkuma asii deebitaniin daayirektaroota manneen barnootaa qulqullinaa akka leenjisaniifi deeggarsa barbaachisaa ta'e akka taasisan dhaamsa dabarsaniiru.
Leenjiin marsaa 1ffaa torbaan darbe keessa dursitoota gareefi ogeeyyota 207f kennamee kan ture yoo ta'u, kan marsaa 2ffaa dabalatee ogeeyyotaafi dursitoota garee, walumaa galatti 413 leenji'aniiru.