13/02/2026
Waa'ee Kadhataa Barsiisuu Isaa
(Mat 6:9-15; 7:7-11)
111 Yesus iddoo tokkotti in kadhata ture; kadhannaa isaa erga dhaabee booddee, bartoota isaa keessaa tokko, “Yaa gooftaa, Yohannis bartoota isaa akkuma barsiise kadhachuu nu barsiisi!” jedheen*.
2 Kana irratti inni, “Yommuu kadhattan akka kanatti fufee jirutti kadhadhaa!
‘Yaa abbaa, [yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa!]
Maqaan kee haa qulqullaa'u!
Mootummaan kee haa dhufu
[jaalalli kee waaqa irratti akka ta'u
akkasuma immoo lafa irratti haa ta'u!]
3 Soora har'aa bor nu barbaachisu
guyyuma guyyaan nuuf kenni!
4 Cubbuu keenyas nuuf dhiisi,
nus immoo warra nu yakkan hundumaaf in dhiifna;
qoramattis nu hin galchin,
[hamaa nu oolchi malee] jedhaa!”’
jedhee isaan barsiise.
Yoh 11:1