31/10/2025
+ Maariyaam +
Namni baay'een "Hewwan kufatii keenyaaf sababa dha" yeroo jedhamuu irratti walii galuu . Durbeen maariyaam garuu fayyiina keenyaaf sababaa taate kan jedhuu tokkoo tokkoo fudhachuuf ni rakkatuu . wan hewan kufatii keenyaaf goote caala wan durbee maariyaam ka'uu keenyaaf goote ni caala!
Jalqabaa fayyiina keenyaa kan tatee durbee qulqulleettii kana kabajaa ishee sammuu keenyattii haa kasnuu.Durbee Ergaman abiddaa dhabbatee faarfateef , Durbee Abban ishee dawwit fagoo irraa ta'ee ishee ilaala "yaa mucaa koo dhaga'ii ilaalis gurraa kes as qabii" jechaa sagalee gabri'eeli akka dhagessuu fi si'ool kessa akka isa bastuu kan ishee kadhatuu,Obboolessii ishee solomoon "yaa obbolettikoo misirroo gutumman kee kan miidhagee mudas kan hin qabduu " jechaa kan isheef dhiyesse galata 'kan ebbifamtee dha'jedhuu akka fudhattuuf kan isheef faarfatee,harkaa isheetin jilbii fi warqee, Gadamessaa ishettii garuu nama fi waaqa, Da'uu isheetin nama fi ergamoota kan wal simsiiste, durbee kana mee xiqqoo haa yaadannuun.Abidaa boba'aa babiloon dachaa torban kan boba'uu kan qabbanessee gabri'eelin fulduraa ishee garramummaa fi kasoominan kan dhabbateef kan sagadeef "Atii kan ebbifamtee dha"jedhee kan ishee kadhatuu daa'imaa waggaa kudha shanii maariyaamin mee haa yaadannuu !
Abbaa ishee baala mukaa uffatee irraa bastee ilmaa ishee dungoo(shaama)gotee kan isa uffistee፤ Haadha ishee hewaniin hidhaa ishee miidhuu hiktee madaa ishee wal'antee qorichii hewan durbeen kun enyuu dha ?kabajaa ishee harkaa isa cubbaman akkamiinan caafa/barressa?
Jechaa qulqulluu yaa'iqob inni siruug jedhee jedhee osoon cufee naaf wayyaa"Kabajaa durbee maariyaam ibsuu irraa aduu ifa ishee fi ho'aa ishee waliin kasuutu salphaata"
Kabajnii durbee maariyaamiif haa ta'uu!!
👉 YOU TUBE| 👇
https://youtu.be/FZoO-CN9Wms
TELEGRAM | 👇
Source from.....Sagalee gammachu official telegram channel.