21/09/2026
Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa Mirkaneessa Qorannoo Gaggeesse
Fulbaana 11, 2019
YNO
*****
YNO’n qorannoo Biiroo Pabliik Sarviisii Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaatiif (BPSMQNO), mataduree “Assessing the State of Kebele Governance Reform Implementation: Implications for Service Quality Provision and Socio-Economic Development in the Oromia Regional State” jedhu irratti gaggeessaa ture, argannoo qorannichaa fi gabaasa xumuraa guyyaa har’aa Magaalaa Bishooftuutti, bakka qooda fudhattoonni argamanitti, Dr. Indaaluu Jibaatin dhiyaateera.
Pirezidaantiin YNO, Kabajamoo Dr. Garramuu Hulluuqaa, sagantaa kana irratti argamuun haasaa taasisaniin, qorannoon kun haala raawwii fooyya’iinsa bulchiinsa gandootaa, qulqullina tajaajila kennamuufi misooma hawaas-dinagdee Naannoo Oromiyaa irratti hubannoo fi ragaa bu’uuraa uumuudhaan, hojiiwwan mootummaa irratti murtee ragaa irratti hundaa’e (evidence-based decision-making) cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Akkasumas, argannoowwan qorannichaa gara hojii qabatamaatti hiikuun, qulqullina tajaajila uummataa fooyyeessuu fi raawwii fooyya’iinsa bulchiinsaa itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Hoggantuun BPSMQNO, Kabajamoo Addee Kokkabee Didhaa, akka dubbataniitti, qorannoon kun haala raawwii fooyya’iinsa bulchiinsa gandootaa yeroo ammaa jiru gadi-fageenyaan qorachuun, hanqinaalee fi carraawwan jiran adda baasuuf akkasumas qulqullina tajaajila uummataa fi misooma hawaas-dinagdee fooyyeessuuf kallattiiwwan furmaataa irratti hubannoo bal’aa uumuuf kan gaggeeffame ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, argannoon qorannichaa imaammata, tarsiimoo fi karoora hojii gara fuulduraa keessatti akka galtee ta’uuf gahee olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Dhuma irratti, gabaasa argannoo qorannoo dhiyaate irratti mariin bal’aan gaggeeffamuun, ogeessota, qorattootaa fi hirmaattota irraa yaadaa fi galteewwan qorannicha fooyyessuu fi xumura isaa cimsuuf gargaaran dhiyaataniiru.
𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!