Borana University School of Law

Borana University School of Law Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Borana University School of Law, College & University, Moyale.

15/08/2026
20/07/2026

Si'aayina Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa
------------------------------
(Adoolessa 13,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Manneen Murtii Oromiyaa hanqinaalee kenna tajaajilaa abbaa seerummaa keessatti mul’atu bu’uura irraa furuu fi Manneen Murtii Oromiyaa gara E-Court tti ceesisuuf karoora tarsiimoo qopheeffachuun hojiitti seenanii hojjetaa turanii jiru.
Haaluma Kanaan, bara 2018 si’oomina Tajaajila Abbaa seerummaa fooyyessuu ilaalchisee sadarkaa Manneen Murtii sadanitti dhimmoota sochii irra turan Galmee 608,889 keessaa Galmeen 595,199 (%97.75) furmaata argatanii jiru. Galmee akka waliigalaatti murtii argatan kana keessaa Galmeen 585,372 (%98.35) daangaa yeroo taa'e keessatti furmaata kan argatedha

19/07/2026
19/07/2026
18/07/2026

-Mindaa- Hojjetaa Mootummaa Kan Hidhamuu Labsii Haaraa (Lak. 1353/2017) Jalatti
*******************************************
Hojjetaan mootummaa tokko yakkaan shakkamee to'annoo jala yoo oole ykn murtii mana murtiitiin yeroo murtaa'eef yoo hidhame, mirgoonni seeraa armaan gadii ni eeggamu:

1️⃣ Kaffaltii walakkaa mindaa (50%)
Hojjetaan guyyaa jalqabaa irraa eegalee yeroo to'annoo jala jiru keessatti hanga ji'a 3tti mindaa bu'uuraa isaa keessaa 50% argachuuf mirga qaba.
Dhaabbatichi sababaa "hojii hin hojjenne" jedhuun mindaa isaa guutummaatti dhaabuu hin danda'u.

2️⃣ Daangaa yeroo (Ji'a 3)
Hidhannaan ji'a 3 ol yoo turu, ji'a sadaffaa booda kaffaltiin mindaa ni dhaabama.
Garuu hojjetaan balleessaa irraa bilisa ta'ee yoo gadhiifame, mindaan yeroo sana keessatti dhaabame hundi guutummaatti isaaf ni kaffalama.

3️⃣ Kaffaltii yeroo bilisa ta'ee gadhiifamu
Hojjetaan balleessaa irraa bilisa ta'ee yoo gadhiifame ykn himanni isaa yoo haqame:
Walakkaan mindaa (50%) duraan hin kaffalamiin hafe yeroo tokko keessatti guutummaatti isaaf ni kaffalama.

Yeroon inni hidhaa keessa ture akka yeroo hojii isaatti ni lakkaa'ama.
Hojii isaa duraanii irratti deebi'ee hojii jalqabuuf mirga guutuu qaba.
4️⃣ Mindaan guutummaatti kan dhaabamu yeroo kam?

Hojjetaan mana murtiitiin balleessaa irratti murtaa'ee adabbii hidhaa yoo itti murtaa'e qofa, dhaabbatichi waliigaltee hojii isaa addaan kutee mindaa isaa guutummaatti dhaabuu ni danda'a.

Hubachiisa:
Akka Labsii Haaraa Lak. 1353/2017tti, hanga mana murtiitiin balleessaa irratti murtiin xumuraa itti kennamutti, mootummaa ykn dhaabbatni mootummaa mindaa isaa guutummaatti dhaabuun "mindaa hin kaffallu" jechuun seeraan hin hayyamamu. Xiqqaate walakkaa mindaa isaa (50%) kaffaluuf dirqama qaba.
Harmee JobsNews t.me/geegeete

14/07/2026

Address

Moyale

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Borana University School of Law posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share