Mustefa A አ

Directions

Mustefa A አ Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mustefa A አ, College & University, Nairobi Industrial Area.

📸No matter how hard you are, you have to bend down to get what you want.📸🏹
18/03/2026

📸No matter how hard you are, you have to bend down to get what you want.📸🏹

👉👈👉👈👉👈👉*********************Kan dhufu wallaallusWaan haaraa dhalatuGaruu har'a geenyeWaaqaf yaa galatu*****************K...
05/01/2026

👉👈👉👈👉👈👉
*********************
Kan dhufu wallaallus
Waan haaraa dhalatu
Garuu har'a geenye
Waaqaf yaa galatu
*****************
Kaleessi seenaadha
Asi nutti hin deebi'u
Har'i ammoo kennaadha
Kan ifa nuuf ta'u
********************
Borummoo abdiidha
Kan itti abdannuu
Gaariis ta'u yaraa
Waan dhufu hin beeknu
👍👍👍👍👍👍👍👍👍

Namni si jibbuu umrii Haa dheraatu! Sababni isaa bakka ati gessuu Arguu qaba !🫰🤟🤟🤟🤟✈️✈️
02/11/2025

Namni si jibbuu umrii Haa dheraatu! Sababni isaa bakka ati gessuu Arguu qaba !🫰🤟🤟🤟🤟✈️✈️

Waan barbaadde dhabaaWaan dhabde barbaadaaYaaddee qalbii cabaaFagoo gahuu yaadaa....!Otoo boru jettuuBorurra abdii keess...
31/10/2025

Waan barbaadde dhabaa
Waan dhabde barbaadaa
Yaaddee qalbii cabaa
Fagoo gahuu yaadaa....!

Otoo boru jettuu
Borurra abdii keessee
Daandiisaa dagatta
Akkatti har'a geesse!

Imalli jireenyaa
Silas tabbaaf lagaa
Gammachuun addunyaa
Abdii keessaan marga💓💓💞💕

27/09/2025
JAALALLEEKEE DHUGAAF QOODIMaal jedheen si wamaaMaqaa siif moggaaseeAkkamitti si waamuSagalee koo ol kaaseeUrjiikoo siin ...
28/08/2025

JAALALLEEKEE DHUGAAF QOODI

Maal jedheen si wamaa
Maqaa siif moggaasee
Akkamitti si waamu
Sagalee koo ol kaasee

Urjiikoo siin jedhuu
Ishee ifa kennitu
Dukkana halkanii
Ishee nuuf ibsitu

Warqeekoo siin jedhuu
Isa namni ittin of faayu
Warqeenuu xiqqoodhaa
Diamond hin wayyuu

Albuuda isa addaa
Naaf gati-jabeettii
Ati yoomuu anaaf
Hin qabdu fakkaattii

Ati utuu filattee
Maqaa isa siif malu
Gaafan ittiin si waamu
Kan baay'ee sitti tolu

Waan jechaa siif dhabeen
Maqaa siif barbaada
Sammuutu siif dhama'ee
Waan gaarii siif yaadaa

Jaalala ati naaf kenniteef
Moggaasi maqaa xiqqoodha
Olmaa ati anaaf ooltetu
Anarras baay'eedha

Gadduukoo koo hin feetuu
Yaadan na jajjabeessaa
Hamaa tokko hin qabdu
Jaalalaan ana tiksaa

Taphattee yeroo addaa
Gaafa waliin dabarsinuu
Miiraa sodaatiin taanee
Yerotti wal dhungannuu

Iji Keenya wal sodaatee
Yeroo keessi gammadu
Onnee isa onaa ture
Yeroo jaalalli waadu

Lubbuukoo kee adda
Walaloo hin dhumu
Utuu si jaalladhuu
Nagaa sitti dhaamuu?

Baay'een si jaalladha
Jaalala dhugaadhaan
Nagaayyuu hin argadhu
Sekoondiif si dhabnaan

Iddoo addaa qabdaa
Yoomuu ana keessaa
Jaalalaan na mootee
Olaanteema teessa❤️❤️🇨🇦❤️💤💘🇨🇦🇨🇦🇨🇦🇨🇦

Address

Nairobi Industrial Area
NURSING

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mustefa A አ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share