Maraaf Media

Directions Contact the university

Maraaf Media Breaking News

ODUU GAMMACHIISAA 🌿 SHEEKNI WAGGOOTA 30 OL MIINDAA TOKKO MALEE QUR’AANA BARSIISAA TURAN… Amma Akka Haaraatti Qubachiifam...
05/10/2026

ODUU GAMMACHIISAA
🌿 SHEEKNI WAGGOOTA 30 OL MIINDAA TOKKO MALEE QUR’AANA BARSIISAA TURAN… Amma Akka Haaraatti Qubachiifamuufi
🤍

بِسْمِ اللهِ الرَّحْمٰنِ الرَّحِيْمِ

🤲 ALHAMDULILLAAH! Gammachuu Qabna!

Warra Gaaffii fi waamicha keenya karaa miidiyaa hawaasaa dabarsineef deebii kennitanii, du’aa'ii, yaada, qooda fi deeggarsa keessaniin nu cinaa dhaabbattaniif galata guddaa qabna. ❤️

Deebiin keessan nu gammachiiseera. Wanti jalqabame sun amma gara guyyaa gammachuu, walitti dhufeenyaa fi kabajaatti ce’aa jira.

🌿 SHEEK SULEYMAAN IBRAAHIM

Sheek Suleymaan Ibraahim waggoota 30 ol dhaloota Qur’aanaa fi barnoota Islaamaa barsiisuuf of kennaniiru.

Waggoota dheeraa keessatti, namoota hedduu barsiisaniiru; gorsa fi beekumsa isaanii hawaasaaf qoodaa ha'a ga'aniiru!

Har’a immoo hawaasni Ganda Aallee Dabbasoo, Manni Marii Dhimma Islaamummaa Aanaa Cooraa waliin ta’uun, Sheek Suleymaan Ibraahim akka Aalima keenyaatti akka Haaraatti kabajaan qubsiisuuf sagantaa addaa qopheessaa jiru.

Kun waan nama tokko qofaaf qophaa’e miti.

Kun sagantaa dhaloonni barsiisaa isaa yaadatee, galata isaa karaa bareedaan ibsuuf walitti dhufuudha.
---

🕌 GUYYAAN SANA:

Ulamaa'onnigurguddaan, daa'iiwwan bebbeekamoon, akkasumas keessummoonni garaagaraa ni argamu.

Kanaafuu Namni Sheeka beekus, namni hin beeknes—hundi keenya gara sagantichaatti affeeramneerra.

Sababni isaa, kabajni nama Qur’aana barsiisee dhalootaaf bu’aa buuaeef godhamu, kabaja beekumsaa fi kabaja tajaajilaa, akkasumas kabaja qur'aana ti.
---

❤️ HAR’A WAAMICHA; BORU YAADANNOO

Yeroo namni tokko waggoota jireenyaa isaa keessaa irra caalaa Qur’aana barsiisuu fi dhaloota qaruuf dabarsu, nuti immoo guyyaa tokko isaaniif kennuun baay’ee xiqqaa dha.

Kanaaf, guyyaa sana “achitti wal haa arginu! Hundi keessanuu share waliif godha!

📢

Gaafa
01/02/2019
📍 Aanaa Cooraa — Ganda Aallee Dabbasoo
📍 Naannoo Moguu — Masjiid As-Salaam

🕌 01/02/2019 — MASJIID US-SALAAM

KOTTAA — WALIIN HAA QUBSIIFNU! ❤️






Qulqullummaa isaaniif falmataa fi warra kaan irratti maqaa amantaan kakatanii murtii gara jabummaa kennaa turan... «Musl...
19/09/2026

Qulqullummaa isaaniif falmataa fi warra kaan irratti maqaa amantaan kakatanii murtii gara jabummaa kennaa turan.
.. «Muslimoonni du’anii yoo itti awwaalaman, dubartoonni hijaba uffatanii yoo itti baratan, akkasumas salaata yoo irratti salaatan, dachen keenya kun ni xuroofti, qulqullummaashee dhabdi» jedhanii abbootii amantaa Aksum keessatti yakka eenyummaa haquufi dugu-ugaa sanyiis muslimoota irratti raawwachuuf adda durummaan dhaabbatan keessaa tokko nama kana.

Kanneen isaan hin beekneef, maquma isaan himataniifi ittiin waamamaniin yoo isaan waamne, ብፁዕ አቡነ አረጋዊ jedhamu, hoggantoota amantaa kiristaanaa Ortodoksii Tigraay olaanoo jedhaman keessaa tokko. Yoon dogongoruu baadhe, Abuna Aragawiin kun Barreessaa olaanaa Sinodosii Tigray illee.

Namni hogganaa Mana Qulqullummaa Tigraay jedhame kun, Muslimoota Aksum keessatti dhalatanii guddatan irratti murtii ulfaataafi gara jabinaa dabarsaa turuun isaanii ni yaadatama.

«Aksum keessatti masjiida ijaaruu hin dandeessan, salaata salaatuu hin dandeessan; yoo duutanis lafa kana irratti hin awwaalamtan» jechuun, Muslimoonni Aksum keessatti dhalatanii guddatan, lafa abbootii isaanii irratti akka gabr*aatti akka ilaalaman, mirgi amantaa fi hireen namoomaa hunduu isaaniif kan murtaa'u abbootii amantaa abbootii irree kanaan akka ta'u ta'anii har'a ga'an.

Kun hundi immoo, «dachee/magaalaa fi amantii xuraa'ummaa irraa eegna» jedhuun ture. Har’a garuu, qeesiin kun himannaa sa*alaa waliin walqabatee suur-sagaleen isaanii bal'inaan miidiyaa hawaasaa kana irra qoodamaa jiraan arge. Sun dhimma isaaniiti. Yoo dirqiin ta'es seerri jira.

Haa ta'u malee, Muslimootni dhiqatanii nagaan salaatuun, uffatanii miidhaguun, du'anii sataramuun, ''nu xureessa'' jedhee warri muslima irratti ilaalchaafi yaadolee farr*ummaafi jibbaa akkusamas miidhaafi roorroo oofu abbootiin isaa haala keessa jiran arguufi dhaabbatee ofiyyuu akka ilaalu tarii carraadha.

Magaalaa keessatti ara*qeefi dhugaatii garaa garaa dhugam*e akka saree daandii irra gangalatamu, kan quma*araafi yakkoonni garaa garaa keessatti raawwatu keessatti Muslimni ''qulqullummaa/qiddisinnaa'' sheekkoo fi dharaan arganne jedhameef sodaa ta'ee ilaalamuun garuu itti fufeera.

Dhugaadha, wanti qulqulluun mandara xuriitti akka xuraa'ummaatti ilaalamuun nan ajaa'ibu. Dhugaan hin jiru, asoosamaafi sheekkoo, jette jettee, oduu durii, dharaafi shiraan dhugaan hin ijaaramu tokko akka hin jirre xurii irraa ijaarame wanti xuraa'us hin jiru. Mataansaatuu durumaan xurii ijaa ta'eef.

© Amar Temam

Wallootti kan argamu Wiirtuun Bilal Islamic Foundation Ibiddaan Miidhamuun Ibsame*********Godina Walloo Kibbaa Aanaa Kal...
16/09/2026

Wallootti kan argamu Wiirtuun Bilal Islamic Foundation Ibiddaan Miidhamuun Ibsame
*********
Godina Walloo Kibbaa Aanaa Kallalaatti kan argamu Faawundeeshiiniin Isaamaa Bilaal (Bilal Islamic Foundation) Lakkoofsa 2, wiirtuun Ulamaa’ii fi Du’aatotaa oomishuuf hojjatu balaa ibiddaan miidhamuun ibsameera.

Boordii hoji gageessaan Dhaabbataichaa, balaa kanaan mana doormii, mana kitaabaa, man-kuusaa nyaataa barattootaa, waajjiraalee bulchiinsaa akkasumas siree fi fiirashiifi meeshalee siree 80 ol, uffata barattootaa, bilbilootaafi kitaabota adda addaa itti barattoonni barnoota isaanii ittiin hordofan fi qabeenya dhuunfaa barattootaa biroo hedduun barbadaa’uu ibseera.

Hanga ammaatti sababni ka'umsa abiddichaa kan hin ibsamne yoo ta'u, sababa balichaafi hamma miidhaa inni geessise qorataa jiraachuu Bilal Islamic Foundation beeksiseera.

Wiirtuun kun yeroo dheeraaf Ulamaa’ii fi Du’aatota hedduu oomishaa kan ture ta’uun ibsameera. Dhaabbaticha deebisanii ijaaruuf deeggarsi hawaasaa akka barbaachisu waamichi kan dhiyaate yoo ta'u, hawaasni naannoo sanaa fi namoonni kaanis deeggarsa isaanii karaa qindaa’een akka taasisaniif waamichi dhiyaateera.

Naannichatti Muslimoota irratti haleellaan raawwatamu hammaachuun himame      Spider Media: Rabi II 4, 1448 AHNaannoo Be...
15/09/2026

Naannichatti Muslimoota irratti haleellaan raawwatamu hammaachuun himame

Spider Media: Rabi II 4, 1448 AH
Naannoo Beenishaangul-Gumuz Godina Matakkal Aanaa Daangurutti haleellaan Muslimoota irratti raawwatamuu itti fufee jiru sadarkaa yaaddessaa irra ga'uu jiraattonniifi Majliisni naannichaa ibsan.

Haleellaa Qaammee 1 fi 2 bara 2018 raawwatameen namoonni 8 yoo ajje*efaman, 6 immoo madaa’anii hospitaala Bahir Daar fi Paawwiitti yaalamaa jiraachuu kan himan jiraattonni loon 350 olis saamamuu isaanii ibsaniiru.

Akka jiraattonni himanitti, bara 2014 irraa eegalee gandoota akka Jaavaa, Baamba Jihaa, Burjii, Boorandaa fi naannawaa Baakustaanitti saam*ichiifi ajje**echaan hammaachaa dhufuun, hordoftoonni amantaa Islaamaa hedduun qe’eefi qabeenya isaanii irraa buqqa’aniiru.

Jalqaba bara 2018 keessa haleellaa walfakkaataa raawwatameen namoonni 6 aj**jeefamuufi masjiidonni guba*muufi diig*amuu jiraattoonni himuu kan ibse gabaasni Haarun Midiyaa,. Haleellaa dhiheenya kana raawwate hordofee hawaasni Muslimaa naannichaa guyyoota sadii duula hojii dhaabuu gochuun yakkicha akka dhaabbatuufi haqni akka jiraatu gaafateera jedhe.

Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Daangur qaama dhimmi ilaallatuuf jechuun xalayaa qaamolee godinaafi naannichaaf katabeen haleellaan namoota nagaa irratti raawwatamu yeroo gara yerootti hammaachaa dhufuu ibseera.

Jiraattonnis haleellaan maqaa sabummaafi amantiitiin Muslimoota irratti xiyyeeffate raawwatamu hatattamaan akka dhaabbatuufi mootummaanis furmaata ariifachiisaa akka kennu gaafataniiru.

from © Amar Temam
Spider Media

Meeshaalee kontiroobaandii Birrii miiliyoona 500 olitti tilmaamaman to’ataman **********Torban tokko keessatti meeshaale...
05/09/2026

Meeshaalee kontiroobaandii Birrii miiliyoona 500 olitti tilmaamaman to’ataman
**********

Torban tokko keessatti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 500 fi miiliyoona 51 fi kuma 500 olitti tilmaamaman to’adheera jedhe, Komiishiniin Gumurukaa Itiyoophiyaa.

Hordoffii Hagayya 21-27, 2018’tti taasifameen meeshaaleen kontiroobaandii alaa galan Birrii miiliyoona 400 fi miiliyoona 70 fi kuma 500 akkasumas meeshaaleen al-ergii Birrii miiliyoona 81’tti tilmaamaman to’atamuu, Komiishinichi ibse.

Meeshaaleen kunneenis oomishaalee qonnaa, uffata, meeshaalee elektirooniksii, jijjiirraa qaama konkolaattotaa, meeshaalee faayaa, jimaa, baala sammuu namaa hadoochu, qorichoota, albuudota, boba’aa, beelladootaafi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ibsameera.

Meeshaaleen kunneen qindoomina hojjettoota komishinichaa, poolisii federaalaafi hawaasaan ta’atamuu eeruun, shakkamtoonni meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 26 fi konkolaattonni 10 to’atamuus ibseera.

Hojii to’annoo kontiroobaandii bu’aa qabeessa taasisuuf qaamoleen qooda fudhattootaa fi hawaasni hundi gahee isaanii akka bahatan komishinichi dhaameera.
Madda: Komishinii Gumurukaa

Odeeffannoo wayitaawaa argachuuf Maraaf Media follow godha.
https://www.facebook.com/maraafmedia

Mootummaan haaromsa mindaa hojjettoota mootummaa guddisuuf kaayyeffateef qarshii dabalataa biiliyoona 290 ifatti gaafate...
20/04/2026

Mootummaan haaromsa mindaa hojjettoota mootummaa guddisuuf kaayyeffateef qarshii dabalataa biiliyoona 290 ifatti gaafatee.

Oduu Maraaf Media ( Ebla 20/2026)

Komishiniin Siivil Sarviisii ​​gaaffiin maallaqaa kun qaama tattaaffii beenyaa hojjettoota mootummaa fooyyessuuf taasifamaa jiruu ta’uu mirkaneessee, gaaffiin jalqabaa Onkoloolessa bara 2017 kan dhiyaate yoo ta’u, bara 2018 irra deebi’ee mirkanaa’uu isaa ibseera.

Komishinarriin Komishiniin Siivil Sarviisii Dr. Makuriyaa Haayilee waltajjii marii Dhaabbata Bulchiinsa Gaarii Afrikaa-Gaanfa Afrikaa, filannoo waliigalaa 7ffaa dhufuuf qophaa’uuf kenniinsa tajaajila siiviil sarvisii irratti xiyyeeffate qopha'aa jiraachuu himaniiru.

Mootummaan haaromsa kanaaf bajata guddaa ramaduu isaa ibsuun, jireenya hojjettoota mootummaa haalaan ol kaasuuf kan kaayyeffate ta’uu Dr. Haayileen cimsanii dubbataniiru.

Keessattuu Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti injifannoo yoo mirkaneesse, jalqabbii mootummaa haala gaariin akka itti fufu abdii qabaachuu ibsaniiru.

Bara 2017tti daballii miindaa biiliyoona 90 dabalataan akka kennamuuf gaaffiin kan dhiyaate yoo ta’u, itti aansuunis baajata jiru dabaluudhaaf biliyoona 200 akka kennamuuf gaafatamaa jiraachuu komishinarichi himaniiru.

Kan hubatamuu qabu, Dr. Haayileen Dhaabbanni Siivil Sarviisii ​​erga hundeeffamee waggoota 108 ol ta’uu isaa kan ibsan yoo ta’u, yeroo walgargaarsa hojjettootaa fi kenniinsa tajaajilaa irratti jijjiiramni guddaan kan mul’ate ta’uu ibsaniiru.

Qulqullina tajaajilaa fi sirreeffama beenyaa irratti fooyya’iinsi dabalataa fooyya’iinsa taasifameen walsimsiisuun hojiirra akka oolu mirkaneessuuf akka Hojjetamuu beeksisanii jiru.

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Maraaf Media ( Ebla 20/2026)

Komishiniin Siivil Sarviisii ​​gaaffiin maallaqaa kun qaama tattaaffii beenyaa hojjettoota mootummaa fooyyessuuf taasifamaa jiruu ta’uu mirkaneessee, gaaffiin jalqabaa Onkoloolessa bara 2017 kan dhiyaate yoo ta’u, bara 2018 irra deebi’ee mirkanaa’uu isaa ibseera.

Komishinarriin Komishiniin Siivil Sarviisii Dr. Makuriyaa Haayilee waltajjii marii Dhaabbata Bulchiinsa Gaarii Afrikaa-Gaanfa Afrikaa, filannoo waliigalaa 7ffaa dhufuuf qophaa’uuf kenniinsa tajaajila siiviil sarvisii irratti xiyyeeffate qopha'aa jiraachuu himaniiru.

Mootummaan haaromsa kanaaf bajata guddaa ramaduu isaa ibsuun, jireenya hojjettoota mootummaa haalaan ol kaasuuf kan kaayyeffate ta’uu Dr. Haayileen cimsanii dubbataniiru.

Keessattuu Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti injifannoo yoo mirkaneesse, jalqabbii mootummaa haala gaariin akka itti fufu abdii qabaachuu ibsaniiru.

Bara 2017tti daballii miindaa biiliyoona 90 dabalataan akka kennamuuf gaaffiin kan dhiyaate yoo ta’u, itti aansuunis baajata jiru dabaluudhaaf biliyoona 200 akka kennamuuf gaafatamaa jiraachuu komishinarichi himaniiru.

Kan hubatamuu qabu, Dr. Haayileen Dhaabbanni Siivil Sarviisii ​​erga hundeeffamee waggoota 108 ol ta’uu isaa kan ibsan yoo ta’u, yeroo walgargaarsa hojjettootaa fi kenniinsa tajaajilaa irratti jijjiiramni guddaan kan mul’ate ta’uu ibsaniiru.

Qulqullina tajaajilaa fi sirreeffama beenyaa irratti fooyya’iinsi dabalataa fooyya’iinsa taasifameen walsimsiisuun hojiirra akka oolu mirkaneessuuf akka Hojjetamuu beeksisanii jiru.

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Maraaf Media

Iran 🇮🇷👌  Waan Ajaa'ibaati dhugaa kun 💪🥰Waraanni Iraan cabsuuf godhamaa ture Iraniif balbala rizqii haaraa banee dabre. ...
10/04/2026

Iran 🇮🇷👌 Waan Ajaa'ibaati dhugaa kun 💪🥰
Waraanni Iraan cabsuuf godhamaa ture Iraniif balbala rizqii haaraa banee dabre.

Iraan Waggoota dheeraaf hulaa Hormuz irraa faayidaa tokkollee argachaa hin turre. Amma garuu Dooniiwwan addunyaa kanneen balbala Hormuz keessa dabran hundi Iraaniif qaraxa kafalanii akka dabran murtaawe.
Kafaltiin kan raawwatamu ammoo Dolar Ameerkaatiin osoon tahin maallaqa Iraniin qofa akka tahuu qabu qondaalli Iran Aljazeeratti hime.

Source: Aljazeera English

odeeffannoo haaraa argachuuf page keenya follow godha. Maraaf Media

barreeffama kanas waliif godha.

Dooniiwwan isaanii dheengadda jalaaa caccaban osoo suphamaa jiranii dooniiwwan haaraa garas boobbaasuuf akeekkachiisu Ti...
10/04/2026

Dooniiwwan isaanii dheengadda jalaaa caccaban osoo suphamaa jiranii dooniiwwan haaraa garas boobbaasuuf akeekkachiisu Tiraamp
*********
Doonaald TiraampMadda suuraa,Getty Images
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp tarii mariin Islaamaabaad yoo milkaahuu baateef jedhanii dooniiwwan isaaniitti meeshaalee waraanaa ''qabna jedhe'' fe'aa jiraachuu dubbate.

Jimaata har'aa yaada bilbilaan New York Post jedhamuuf kenneen hiree marii kanaa sa'aatiiwwan 24 dhufan keessatti barra'' jechuu barruun kun gabaase.

''Meeshaalee waraanaa jiru jedhaman, kan yeroo isaan burkuteessine fayyadamne caalan dooniiwwanitti fe'aa jirra'' jedhe Tiraamp.

''Yoo waliigalteerra gahuu baanne, itti fayyadaman. Akka gaariitti itti fayyadaman.''

Waayee ejjennoo Iraan gaafatamee deebii kenneen ''warri Iraan kan dubbatan dhugaa ta'uufi dhiisuu baruun hin danda'amu'' jedhe.

Mariin Iraaniifi US gidduutti gaggeeffamu Sambata boruu Islaamaabaaditti gaggeeffama.

Yaada Truth Social gubbaa kaaheen ammoo ''sababni warri Iraan lubbuun jiraaniif marii gaggeessuufi'' jedhe.

Amma Iraan of harkaa kaardii ittiin dhiibbaa gootu hin qabduu jechuun ''sababni takkittiin lubbuun jiraniif marii kanaafi'' jedheera jechuun BBCnn gabaaseera.

odeeffannoo haaraa argachuuf page keenya follow godha. Maraaf Media

⭕   | Michuu isaa guddoo Amerikaan kan tunsamu waraa*nni Izraa'il akkuma yeroo kamuu waliigaltee nagaa cab*suun har'as G...
09/04/2026

⭕ | Michuu isaa guddoo Amerikaan kan tunsamu waraa*nni Izraa'il akkuma yeroo kamuu waliigaltee nagaa cab*suun har'as Ga*💔zaatti hale**ellaa ulfaataa raawwateera.

Hal**eellaa kanaan namoonni wareegaman lakkoofsi isaanii dabaleera.

Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun Sodaattonni humni isaanii soba irratti ijaarame waan ta'eef afaan haqaa cal'is...
08/04/2026

Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun

Sodaattonni humni isaanii soba irratti ijaarame waan ta'eef afaan haqaa cal'isiisuuf of booda hin jedhanu.

Gaazexeessaan Al Jazeera Mohammed Washah, haleellaa Izraa*iliin Ga*💔zaatti waree*gameera.

Izraa'il michuu isii Amerikaa waliin waliigaltee dhu*kaasa dhaabuu maqaa nagaan Tiraampiin dhihaatee mallatteeffame cab*suun duguu**ggaa sanyi Ga*💔tti rawwatan itti fufaniiru.

Address

Saud Arabia
Riyadh

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Maraaf Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Maraaf Media:

Shortcuts

Share