Gaaddisaan kaan mahammad shekkati

Gaaddisaan kaan mahammad shekkati Qabsoo

09/05/2023

LEGENDS NEVER DIE

Zariihun Wadaajoo fi Ilmasaa Haacaaluu Hundeessaa

Jiraa jirtuu jajabee koo
18/05/2022

Jiraa jirtuu jajabee koo

28/09/2021

Bara 2017 xumura irra karoorri guddaan dabalataa qophaa’e. Yeroon kun yeroo murteessaa tahuu irraa diina isa dhumaaf awwaaluuf karoorri bahe. Karoorri kun qindeessummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoodhaan Pirezedaantii Oromiyaa yeroosii,Dr. Lammaa Magarsaa fi HD ABO, Jaal Dawud Ibsaa biratti fudhatama argateera. Karoorichis “OPDO amala ergamuu bare akka dhaabaatti qabatanii Oromoo fuuldura deemanii gaaffii Oromoo guddaa tahe deebisuun hin danda’amu; kanaaf, OPDOn diigamee sabboontotni OPDO keessaa walabummaa OPDO labsuun ADWUI keessaa of baasuun ABO keessatti miseensa tahuu” kan hammatu ture. Akkuma yeroon bubbuleen Dr. Lammaa Magarsaa irbuu kana ganuun yaada “OPDO haaromsina.” jedhu fudhatee as bahe. Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo butamee harka OPDO akka galu ifaan hojjechuu eegale. Jalqaba 2018 osoo Dr. Abiy Ahmed aangootti ol hin bahiin qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo butamuu eegale. Akka Abiy Ahmed aangootti baheen Qeerroon Bilisummaa Oromoo ibsa baasuun imaanaa ganamaa akka eegu gaafate. Garuu, harka rukkutnaa aktivistootaa,Miidiyaalee qabsoo tumsaa turanii fudhatama argatan,OMN dabalatee miidiyaaleen mootummaa hunduu olola Qeerroo Bilisummaa Oromoo ukkaamsuun Qeerroo Jijjiiramaa bakka buusuuf dafqanii hojjetan. Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoos ifaan butame. Injifannoon dhiigaan dhufes harka gantootaatti kufe.
Haala kanaan hiriirri deeggarsaa Abiy Ahmeddhaaf Oromiyaa keessatti itti fufe. Dhuma irrattis magaalaa Finfinnee keessatti Waxabajjii 16, 2010(2018 G.C) hiriira deeggarsaa waamame irratti boombiin darbatame. Taateen gurguddaan itti fufuun Hagayya 2018 Obbo Jawar Mohammed Finfinnee seene. Yerooma kanas Obbo Lammaa Magarsaa gara Eertiraa deemuudhaan HD ABO,Jaal Daawud Ibsaa fi hooggantoota ABO kan akka Kolonel Gammachuu Ayyaanaa waliin wal arguun akka ABO nagaan gara Oromiyaa galuu fi haala hundaa mijeessu gaafate. ABOn walii galteen ifaa akka taasifamuu gaafatus biyya galee akka taasifamu waadaa dhumaa gale. Haala kanaan Fulbaana 15, 2018 hoogganni ABO Finfinnee seenee Oromoo miliyoonaan ulfinaan simatame. Deeggarsii fi of kenninsi uummata Oromoo ABOf qabu OPDOf hin liqimfamne. Kanaaf, OPDO haaromsina akkuma jedhan ODPtti jijjiiruun namoota ABOf jibbinsa qabanii fi diigaa turan miseensa taasisan, kanneen maqaa ABO ofitti maxxanfataniifis waamicha walitti ida’amuu taasisan. ODF fi kanneen biroo of fuuldura qabanii deemuu, alaabaa ABO kan ODP cinaatti fannisuun eegalame. Kana irra darbuun isa dhumaa Sadaasa 2018 documentary maqaa ABO balleesu hojjetan. Boombiin Abiy Ahmed irratti darbatame ABOn darbatame jechuudhaan olola jibbinsaa ija baasaa eegalan. Ergasiis olola dhaabbataan oofaa jiru.
Sadaasa 2018 irraa eegalee waraana ifaan Lixa Oromiyaa keessatti eegalan. WBO walii galtee bakka qaamni sadaffaan jirutti gaafate cinaatti dhiisuun maqaa “ABO SHANEE” jedhuun labsiin hatattamaa Kibbaa fi Lixa Oromiyaa irratti labsamee ajjeechaan sukkanneessaan raawwatame, manni gubate,dubarootni gudeedamuun eegalame ittuma fufe.
ODPn qabsoo iniifannoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo butate qabsoo Oromoo roga hundaa cabsee Oromummaa cabsuuf yaadni paartiilee walitti baqsuu dhufe. Bifa kanaan paartiin badhaadhinaa,PPn dhalate. Dr. Lammaa Magarsaa imala Qeerroo Bilisummaa Oromoo xiqqaatus beeku baabura keessaa buufame. Ololli qabsoo jijjiiramaa jedhu ittuma fufe.
Duulli waraana labsuu cinaatti hooggantoota siyaasaa ABO fi KFO adamsanii hidhuun eegale. Waajjiraaleen ABO fi KFO bakka hundumaa cufaman. Kolonel Gammachuu Ayyaanaa,Jaal Abdii Raggaasaa, Jaal Amaan FIlee fi gaazexeessitootni sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi aartistootni hidhaman. Irreecha irratti alaabaan ABO akka hin mirmirfamne dhorkame. Uffatni aadaa kuula Abbaa Gadaas dhorkame.

10/07/2021

Harka diinaatii baheera. Galanni waaqayyoof haa ta'u. Ammaas ummanni oromoo halkaniif guyyaa sagalee naaf tahaa turtan galatoomaa

Address

Sanaa
714423277

Telephone

+967714423277

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gaaddisaan kaan mahammad shekkati posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share