15/12/2021
1️⃣ tibbana namoota garii irraa maqaa
(SAW) tumsuutiin arkame⛔
2️⃣ namni gariin Nabiyyii keenyatti (SAW)
daangaa dabraniif⛔
3️⃣ itti keenyaaf (SAW) tumsinu✅
‼️‼️‼️‼️‼️‼️‼️‼️‼️‼️‼️‼️‼️‼️‼️‼️‼️‼️
Nabiyyii keenya irraa(S.A.W)deebisuufii isaaniif tumsuun dirqama nama hundaati.
haa tahuu malee dhihoo tana Marii ulamaa'iitiin maletti hujiilee hojjataman keessatti maqaa Nabiyyii keenya irraa deebisuutiin waan shari'aa keessatti hin hayyamamne yokaa yakka tahe dogongora hedduutu argame.
FKN:
✅Tiishartii(shurraaba) uffatanirratti Maqaa Rasuulaa (S.A.W) afaan kamiinuu barreessuun dogongora.
Uffanni sun itti huurkama, nimiicama, iddoo maletti darbama, irra ajjatama, yeroo dhumatees
eessatti akka darbamu hin beekamu akkaataa
kanaan nabiyyii irraa deebisuun yokaan jaalala isaanii kanaan ibsatuun dogongora.
✅Arraba san irra deebi'anii himuun, barruu irraa dubbisuun, barreessuun, viidiyoofii barruus maxxansuun dhoorgaadha, Iddoo arrabni sun hin gayiniin gayuulleen dogongora.
✅Namoota nabiyyii rabbii (S.A.W) arrabsuudhan beekkomtii barbaadu yokaa miidiyaa isaanii guddifachuu barbaaduu beysisuuniis dogongora.
✅Badii nama tokkootiin goosaafii ganda, nama sanii arrabsuufii abaaruulleen dogongora.
✅Shari'aa islaamaa keessatti nama badii dalageen nurraa hii miti jadhama malee
nuti gosa nama saniirraahii miti jadhanii sabummaa ufii waakkachuun dogongora.
✅Sababaa Rasuulli (SAW) arrabsameef Muslimni muslima arrabsuu yokaa wal'abaaruufii muslimni wal loluuniis dogongora.
hundumaafuu yeroo wanti jabduun akkanaa
dhufte tarkaanfii dhunfaa fudhatuu dura marii
ulamaaiitiin osoo deemamee baayyee gaariidha.
Sababoota Amantaa islaamaatiifii Ergamaa Rabbiitti (SAW) daangaan darbamaa jiruuf keessaa muraasa:
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
✅ Haqiiqaa islaamummaatiifii Rasuulaa Rabbii wallaaluu
✅ Baballina amantaa islaamaa kana Jibbaa qabaatuu
✅Bu'aa argachuudhaaf yokaa hordoftoota heddummeefachuuf yokaa beekkomtii sabab arraba kanaatiin argachuu fii kan kana fakkaatu.
Akkaataan itti Nabiyyii irraa (S.A.W) deebisnuufii
isaanii tumsinuuf keessaa muraasa:
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
✅Isaan dhugoomsuu✅ isaan jala deemuu
✅Isaan jaalatuudha: lubbuu ufii, haadhaa Abbaa ufii, ilmoo ufii, qabeenya ufii tiifii ilma namaa hundarra isaan jaalatuudha.
✅Seenaa isaanii baratuufii barsiisuu, ✅sadarkaa amantaa islaamaatiifii sadarkaa ergamaa rabbii hubatanii hubachiisuu,
✅Namoota maqaa Rasuulaa (SAW) xureeysuuf yaalan karaa kamiinuu dura dhaabatuu, namoota san jibbuufii wajjiin hojjatuufii wajjiin jiraatuu irraa fagaatuu,
✅Ummanni islaamaa dhaabbata diin islaamaatiifii ergamaa Rabbiitiifii mormu qopheeyfatuu fii kanneen kana fakkaataniidha.
Maayyii irratti wanni namoota nabiyyii keenya irratti (SAW)daangaa dabaraniif hubachiisuu barbaannu‼️‼️‼️
wahuma barbaaddan yoo hojjattaniis, yoo dubbattaniis Amantaa teenyaafii Nabiyyiin
keenya ( SAW) sadarkaan isaanii baayyee
guddaafii olfuudhamaa waan taheef
dhunfaafii gareeniis sadarkaa isaanii irrisuu hin dandeessan garuu ofuma keessaniif xiqqaattan malee.
waanni isin yaaltan hundi wallaalummaa keessanirrahi
(ilmi namaa diina waan wallaaleeti) osoo beeytanii
waa diina nabii Rabbii ( SAW) hin taatan.
Suuraa FB Seenaa Ulamoota Kenyaa jadhu irraa kan fudhatameedha.
Barreessaan Jamaal aliyyii abdullah