28/05/2023
❝Nagaa waan hin barbaanneef Muslimoota tuffachuu fi hogganaa muslimaa tuffachuun biyya diiguuf qophaa'aa akka jiran mul'ata.
❝Biyyi tun Muslima malee jiraachuu hin dandeessu. Kanaan duras Hin dandeenyes ammas hin dandeessu. Duraais Asteewwan dabaree dabareedhaan nu gabroomsaa deemuun nuuf gahaadha. Muslimni har’aa sadarkaa durii sanarra hin jiru!❞
❝Muslimni nagaa fi nagaa dha. Nagaa jaallatuu qofa osoo hin taane, waardiyyaa nageenyaati .❞
❝Masjiidni keenya tokkollee marii keenya malee diigamuu hin danda'u. Nu diigdanii kaatanii san booda gara masjida diiguutti dabartan malee masjida diiguu hin dandeessan.❞
❝Masjiidoonni keenya diigamanis bakka buufamee ni ijaarama .❞
❝ Ijoollee keenya lubbuu isaanii wareegameef Rabbiin haa qeebalu. Kan madaa'e Rabbiin haa fayyisu. Maatii isaanii Rabbiin haa sabarsiisu .
❝Seera ni kabajna. Seera bu'uura godhannee mirga keenyas ni eegsifna.❞
❝Eenyus haa ta'u akka nu tuffatu hin hayyamnu, yoo fedhe of tuffachuun mirga isaati.❞
❝ Ani angoodhaaf jedhee of duuba hin laalu,angoon yoo barbaade boolla haa seenu .❞
❝Dhaabbata cimaa fiduu qabna, sunis qabsoo keenyaan dhufa, ammas dhaabbata akkasii Hin fidne, karaa irra jirra. Garuu (dhaabbata cimaa fidna) oduudhaan osoo hin taane, miidiyaa hawaasaatiinis osoo hin taane, walitti dhiyeenyaan haasofneeti .❞
❝Hayyota qabna! Hayyoota gahaa qabna! Gariin isaanii miidiyaa hawaasaa irratti Jihaa**da labsu! Eenyuutu Jihaa**da labsuu danda'a? Ulamaa'onni kamtu fatwaa siif kenne?❞
❝Eenyuyyuu haa hoogganu Dhaabbanni kun dhaabbata. Dhaabbaticha cimsuun barbaachisaadha.❞
❝ Waajjirri keenya waan isin barbaachisu hundaaf banaadha. Waajjirri mana maree naannichaa banaadha. Osoo isaan hin mariisisin akka barbaaddetti maaf shubbifta !? .
❝ Mari’annee wal dhageenyaaf cal’ifne malee sodaa tokko hin qabnu ❝
Cuunfaa Haasawa Perezidaantiin Majlisa Federaalaa Sheikh Hajjii Ibraahim Tufaa Guyyaa kaleessaa taasisan keessaa kan fudhatame .