07/07/2022
Namatu harka ol naqaba jettee kufaatii kee namatti hin agarsiisin,namni ol siqabuu dhiisee kaameraa mobaaylaatiin suuraa sikaasee kufaatii kee sheer sii godhaa beeki!
Eee
Namni gariin sihuu hinbeekuu akkanaan hindhiphatin, gariin sihuu beeku rakkoo kee sii hinbeekuu hin rifatin gariin sibeekus,siillee beekus dhimma sii hinqabuu hin mufatin,dhukkuba haaraa dabalatta malee qorsa haaraa hin argattuu hin ifaajin,namni waan kee tasa hin yaadanne fa’a yaaddee rakkataa jirta tahaa ufirra dhaabbadhuu uf xiinxalli,dubbii bu’aa hinqabneefi sammuu bu’aa guddaa irraa buufattu dhiphisaa jirtaa uf argi!
Jaaloo
Nama qofaa mitii yeroos addaan filadhu,bakka adda baafadhu,waan dubbattus sirrii tahuu qayyabadhu!
Eeee
Ijoon dubbii,Guyyaaleen kurnan baatii zulhijjaa kanaa guyyaalee akka tasaatti darbanii mitii beeki,guyyaa ulfaatoodha,Takbiiraa dhageessisuu,Rabbii galata galchuu,zikrii sadaqaa soomana ibaadaa garagaraa guyyaalee keessa hojjatanii ajrii guddoo itti argatanii hubadhu!
Obbolaa
Halkan har’aa halkan bariin isaa jum’aati,boru guyyaa Arafaati,guyyaa Rabbiin ol tahe gabroottan isaatiin dhaadatu,guyyaa araaramaati,guyyaa hireen jabduun keessatti kajeelamtu,guyyaa akkaan ulfaattu waan taateef,Harka ol naqabaa jettee namatti hiixachuu san dhiisii,guyyaa milkii kana soomanaan oolii,gara Rabbii keetiitti iyyannoo ol galfadhu,haajaa kee immoo qalbii qulqulluun Rabbii keetitti ol dabarfadhu,dilii bara darbee akkasuma tan bara dhuftuus irra siif darbamaa Rabbii guddaa jala harka ol qabadhuu gadi jedhii kadhadhu,Rabbii kee sodaadhuu itti gala kee hin balleessinii galaa qoheeffadhu!